LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 6:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Aarsaan midhaanii kun wanta raacitii qabu akkamii iyyuu wajjin tolfamuu hin qabu.+ Ani aarsaa koo isa ibiddaan dhihaatu irraa gaʼee isaanii godhee kana isaaniif kenneera.+ Kun akkuma aarsaa cubbuu fi akkuma aarsaa yakkaa, hundumaa caalaa qulqulluu dha.+ 18 Ilmaan Aaron keessaa dhiironni hundi isa ni nyaatu.+ Kun aarsaawwan Yihowaa warra ibiddaan dhihaatan irraa guutummaa dhaloota keessanii keessatti isaaniif gaʼee dhaabbataa taʼe dha.+ Wanti isaan* tuqu kam iyyuu qulqulluu taʼa.’”

  • Leewwota 7:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “‘Seerri aarsaa yakkaa+ kana dha: Inni hundumaa caalaa qulqulluu dha.

  • Leewwota 7:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Dhiirri luba taʼe hundi isa ni nyaata;+ iddoo qulqulluu keessatti nyaatamuu qaba. Kun hundumaa caalaa qulqulluu dha.+

  • 1 Qorontos 9:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Namoonni tajaajila qulqulluu raawwatan, wanta mana qulqullummaa keessa jiru irraa akka nyaatanii fi namoonni yeroo hunda iddoo aarsaatti tajaajilan iddoo aarsaa sana irraa qooda isaanii akka fudhatan hin beektanii?+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi