-
Lakkoofsa 28:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “‘Haa taʼu malee, aarsaan guyyaa Sanbataatti+ dhihaatu, hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko taʼanii fi mudaa hin qabne lama, akkasumas aarsaa midhaaniitiif akka taʼutti daakuu bullaaʼaan zayitiidhaan makame safartuu eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harki lama aarsaa dhugaatii wajjin haa dhihaatu. 10 Kun aarsaa gubamu isa Sanbataaf dhihaatu dha; innis aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatu sanaa fi aarsaa dhugaatii isaa wajjin ni dhihaata.+
-
-
Hisqiʼel 45:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Haa taʼu malee, geggeessaan sun, aarsaawwan guutummaatti gubaman,+ aarsaa midhaanii+ fi aarsaa dhugaatii warra guyyoota ayyaanaatti,+ guyyoota baatii haaraatti, guyyoota Sanbataattii+ fi guyyoota ayyaanaa mana Israaʼeliif ramadaman hundumaatti dhihaatan irratti itti gaafatamummaa qabaata.+ Mana Israaʼeliif araara argamsiisuuf, aarsaa cubbuu, aarsaa midhaanii, aarsaa guutummaatti gubamuu fi aarsaawwan gamtaa kan qopheessu isa dha.’
-