LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 16:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 “Dhiironni kee hundi bakka inni filatutti waggaatti siʼa sadii jechuunis, Ayyaana Maxinoo irratti,+ Ayyaana Torbeewwanii irrattii+ fi Ayyaana Daasii*+ irratti Waaqa kee Yihowaa duratti haa dhihaatan; isaan keessaa eenyu iyyuu harka duwwaa Yihowaa duratti hin dhihaatin.

  • 2 Seenaa Baraa 8:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Achiis Solomoon iddoo aarsaa+ Yihowaa isa barandicha fuulduratti+ ijaare irratti aarsaawwan gubaman Yihowaadhaaf ni dhiheesse.+ 13 Innis barsiifata guyyaa guyyaadhaan ture sana hordofuudhaan, akkuma Museen ajajetti guyyoota Sanbataatti,+ guyyoota baatii haaraattii+ fi ayyaanota waggaatti siʼa sadii ayyaaneffatamuu qabanitti,+ jechuunis yeroo Ayyaana Maxinootti,+ yeroo Ayyaana Torbeewwaniittii+ fi yeroo Ayyaana Daasiitti*+ aarsaawwan ni dhiheesse.

  • 2 Seenaa Baraa 31:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Akka Seera Yihowaa keessatti barreeffamettis, aarsaawwan ganamaa fi galgalaa,+ aarsaawwan gubaman warra guyyoota Sanbataatti,+ guyyoota baatii haaraattii+ fi guyyoota ayyaanaatti+ dhihaatan dabalatee, qabeenya mootichaa keessaa hammi tokko aarsaawwan gubamaniif ni kennama ture.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi