LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 28:11-15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “‘Jalqaba jiʼa hundumaatti* jibicha mudaa hin qabne lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi hoolota xobbaallaa kormaa mudaa hin qabnee fi waggaa tokko taʼan torba aarsaa gubamu gootanii Yihowaadhaaf ni dhiheessitu;+ 12 tokkoon tokkoon jibicha sanaatiif aarsaa midhaanii+ daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii, korbeessa hoolaa sanaaf aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka lama,+ 13 akkasumas tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame safartuu tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko aarsaa gubamu, jechuunis aarsaa urgaan isaa gammachiisuu*+ fi Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhaa dhiheessaa. 14 Jibicha sanaaf daadhii wayinii walakkaa hiinii tokkoo,+ korbeessa hoolaa sanaaf hiinii tokko keessaa harka sadii keessaa harka tokko,+ akkasumas xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf hiinii tokko keessaa harka afur keessaa harka tokko aarsaa dhugaatii isaanii gootanii ni dhiheessitu.+ Kun aarsaa gubamu isa waggaa guutuu jiʼa jiʼaan dhihaatu dha. 15 Kana malees, aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa dhihaatuu fi aarsaa dhugaatii isaa sana irratti dabalamee xobbaallaan reʼee tokko aarsaa cubbuu taʼee Yihowaadhaaf haa dhihaatu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi