-
Hisqiʼel 47:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Achiis inni gara balbala mana qulqullummaatti+ na deebise; anis achitti gubanii balbala mana qulqullummaa jalaa bishaan gara bahaatti yommuu yaaʼu nan arge;+ fuuldurri mana qulqullummaa sanaa gara bahaatti kan garagale ture. Bishaanichi kallattii mirgaa mana qulqullummaa jalaa baʼee iddoo aarsaa irraa kallattii kibbaatiin gad yaaʼa ture.
-