LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hisqiʼel 10:9-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Utuman ilaalaa jiruus, kiruubelota sana biratti geengoowwan afur nan arge; tokkoon tokkoon kiruubelotaa bira geengoon tokko tokko jira ture; geengoowwan sunis akkuma dhagaa kirisoliixos kan calaqqisan fakkaatu turan.+ 10 Bifti arfan isaanii iyyuu wal fakkaata ture; isaan geengoo wal keessa jiru fakkaatu turan. 11 Isaan duubatti utuu hin garagalin gara bakka mataan sun itti garagalee jirutti deemuu waan dandaʼaniif, yommuu sochoʼan utuu duubatti garagaluun isaan hin barbaachisin kallattii arfaniin iyyuu deemuu dandaʼu turan. 12 Guutummaan qaama isaanii, dugdi isaanii, harki isaanii, qoochoon isaanii, akkasumas geengoowwan sun, jechuunis geengoowwan isaanii arfan ijaan kan guutaman turan.+ 13 Sagaleen tokko, “Yaa geengoowwan nana!” jedhee geengoowwan sana yommuu waamu nan dhagaʼe.

  • Mulʼata 4:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Uumamni jiraataan inni tokkoffaan leenca+ fakkaata, uumamni jiraataan inni lammaffaan qotiyyoo+ fakkaata, uumamni jiraataan inni sadaffaan+ fuula fuula namaa fakkaatu qaba, uumamni jiraataan inni arfaffaan+ immoo risaa+ barrisu fakkaata ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi