LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 25:18-21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Kana malees ajajaan waardiyyootaa sun, Seraayaa+ isa dura buʼaa lubootaa taʼe, Sefaaniyaa+ isa luba lammaffaa taʼe, akkasumas karra eegdota sadan ni fudhate.+ 19 Kana malees, inni magaalattii keessaa abbaa taayitaa mana mootummaa itti gaafatamaa loltootaa taʼe tokko, michoota mootichaa warra magaalattii keessatti argaman shan, barreessaa ajajaa raayyaa waraanaa isa namoota biyyattii duulaaf walitti qabu, akkasumas namoota biyyattii warra magaalattii keessatti argaman kaan 60 ni fudhate. 20 Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa taʼe isaan fuudhee gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti isaan fide.+ 21 Mootiin Baabilonis Riblaa isa biyya Hamaat+ keessatti argamutti rukutee isaan ajjeese. Akka kanaan, Yihudaan boojiʼamee biyya isaa keessaa ni fudhatame.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi