44 Kun hundi isaan irra gaʼus, yeroo isaan biyya diinota isaanii keessa jiranitti ani guutummaatti isaan dhiisuudhaan+ yookiin guutummaatti hamman isaan balleessutti isaan gatuudhaan kakuun isaanii wajjin gale hin cabsu;+ ani Waaqa isaanii Yihowaa dha.