LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 20:8-10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “Guyyaa Sanbataa qulqulluu gootee eeguu hin dagatin.+ 9 Guyyaa jaʼaaf hojii kee fi wantoota raawwattu hundumaa raawwadhu;+ 10 guyyaan torbaffaan garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf sanbata dha. Ati yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin garbichi kee yookiin garbittiin tee yookiin beeladni kee yookiin namni biyya ormaa gandeen* kee keessa jiraatu hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+

  • Leewwota 23:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 “‘Guyyaa jaʼaaf hojiin hojjetamuu dandaʼa; guyyaan torbaffaan garuu sanbata guutummaatti itti boqotamu,+ jechuunis walgaʼii qulqulluu dha. Hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa. Eessa iyyuu yoo jiraattan guyyichi sanbata Yihowaa ti.+

  • Leewwota 23:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa isa jalqabaatti hojii keessan hundumaa irraa boqodhaa; guyyaan kun guyyaa walgaʼii qulqulluu taʼuu isaa akka yaadattaniif malakanni afuufamee beeksifama.+

  • Leewwota 25:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Waggaa torbaffaan garuu biyyattiidhaaf sanbata guutummaatti itti boqotamu, jechuunis sanbata Yihowaa haa taʼu. Maasii kee irratti sanyii hin facaasin yookiin muka wayinii kee hin gondolin.

  • Leewwota 25:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Waggaa 50ffaan sun isiniif Iyyobeeliyyuu ni taʼa. Sanyii hin facaastan yookiin wanta midhaan hafe irraa ofii isaatiin biqile hin haammattan; wayinii muka wayinii hin gondolamne irra jirus hin sassaabbattan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi