-
Ermiyaas 3:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Bara Yosiyaas+ Mootichaatti Yihowaan akkana naan jedhe: “‘Wanta Israaʼel ishiin amanamtuu hin taane raawwatte argiteettaa? Ishiin gaara ol kaʼaa hundumaa gubbaattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti sagaagalummaa raawwachuuf ni deemte.+ 7 Ishiin wantoota kana hundumaa erga raawwattee booda illee, gara kootti akka deebitu itti himuu koo ittan fufe;+ ishiin garuu hin deebine; Yihudaanis obboleettii ishii ishii gantuu taate ilaaluu ishii itti fufte.+
-