-
Ermiyaas 46:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, ani xiyyeeffannaa koo gara Amoon+ isa waaqa Noo*+ taʼetti, gara Faraʼoonitti, gara Gibxiitti, gara waaqolii ishiittii+ fi gara mootota ishiitti, eeyyee, gara Faraʼoonii fi gara warra isatti amanaman hundumaatti nan deebisa.’+
-
-
Hisqiʼel 31:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 “‘Mukeetii Eedan keessaa ulfinaa fi guddinaan kan si fakkaatu isa kami?+ Haa taʼu malee, ati dhugumaan mukeetii Eedanii wajjin gara biyya isa lafa jalaatti gad buufamta. Ati warra goraadeedhaan ajjeefamanii wajjin warra dhaqna hin qabanne gidduu ciista. Kun Faraʼoonii fi namoota isaa wajjin jiran hundumaa irra ni gaʼa’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”
-