LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 6:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Suraafelonni isa gararraa dhaabbatanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan* jaʼa jaʼa qabu turan. Tokkoon tokkoon isaanii* qoochoowwan lamaan fuula isaanii, akkasumas qoochoowwan lamaan miila isaanii haguuganii turan; qoochoowwan lama lamaan immoo ni barrisu turan.

  • Hisqiʼel 10:20, 21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Kanneen kun uumamawwan jiraatoo* ani laga Kebaar biratti Waaqa Israaʼel jalatti arge sana turan;+ kanaafuu, isaan kiruubelota taʼuu isaanii nan hubadhe. 21 Arfan isaanii iyyuu fuula afur afurii fi qoochoo afur afur qabu turan; qoochoo isaanii jalaas wanta harka namaa fakkaatu qabu turan.+

  • Mulʼata 4:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Uumamawwan jiraatoon arfan sun tokkoon tokkoon isaanii qoochoowwan jaʼa jaʼa qabu turan; qochoowwan sun naannoon isaanii fi keessi isaanii ijaan kan guutame ture.+ Isaan utuu wal irraa hin kutin halkanii fi guyyaa, “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan,*+ Inni Hundumaa Dandaʼu, inni ture, inni jiruu fi inni dhufu”+ jedhu turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi