-
Isaayyaas 21:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Mulʼanni hamaan tokko natti himameera:
Inni gantuun gantummaa raawwachaa jira,
Inni badiisa geessisus badiisa geessisaa jira.
Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedon,+ itti marsi!
Ani dhiphina ishiin geessiste hundumaa nan balleessa.+
3 Dhiphina guddaa keessa kanan jiru* kanaafi.+
Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuutti
Miixuun na qabeera.
Kana dhagaʼuun koo baayʼee na dhiphiseera;
Kana ilaaluun koos baayʼee na jeeqeera.
-