-
Asteer 8:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Labsiin maqaa mootichaatiin barreeffamee fi qubeellaa chaappaa mootichaatiin chaappaan irratti godhame diigamuu waan hin dandeenyeef,+ ammas isin Yihudootaaf wanta gaarii fakkaatee isinitti mulʼate maqaa mootichaatiin barreessitanii qubeellaa chaappaa mootichaatiin chaappaa irratti gochuu dandeessu.”
-
-
Daaniʼel 6:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Yaa mootii, abbootiin taayitaa mana mootummaa, hoggantoonni, bulchitoonni koonyaa, gorsitoonni mootichaa fi bulchitoonni hundi labsii mootummaa tokko baasuu fi dhorkaa tokko kaaʼuuf waliin mariʼataniiru; innis guyyaa 30f namni si malee waaqa yookiin nama kan biraatti kadhannaa dhiheessu kam iyyuu boolla leencotaa keessatti akka darbatamu+ kan ibsu dha. 8 Egaa, yaa mootii, akkuma seera Meedonii fi Faarsi isa haqamuu hin dandeenye+ sanaatti kan hin jijjiiramne akka taʼuuf, labsii kana raggaasisiitii irratti mallatteessi.”+
-