-
Isaayyaas 6:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Bara Ooziyaan Mootichi duʼetti,+ Yihowaan teessoo dheeraa fi ol kaʼaa taʼe irra taaʼee nan arge;+ fiixeen uffata isaatiis mana qulqullummaa guutee ture. 2 Suraafelonni isa gararraa dhaabbatanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan* jaʼa jaʼa qabu turan. Tokkoon tokkoon isaanii* qoochoowwan lamaan fuula isaanii, akkasumas qoochoowwan lamaan miila isaanii haguuganii turan; qoochoowwan lama lamaan immoo ni barrisu turan.
-
-
Mulʼata 4:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Kana booda yeruma sana hafuuraan humna nan argadhe; kunoo, teessoon tokko samii keessa jira ture, teessoo sana irra kan taaʼe tokkos jira ture.+ 3 Inni achi irra taaʼe sun bifti isaa akka dhagaa yaasphisii*+ fi akka dhagaa saardiyon* ture; guutummaa naannoo teessichaa sabbanni waaqaa imeraaldii fakkaatu jira ture.+
-