LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 22:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Achiis Mikaayaan akkana jedhe: “Egaa, dubbii Yihowaa dhagaʼi: Ani, Yihowaan teessoo isaa irra taaʼee,+ guutummaan raayyaa samiis karaa mirga isaa fi karaa bitaa isaa isa bira dhaabbatanii+ nan arge.

  • Isaayyaas 6:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Bara Ooziyaan Mootichi duʼetti,+ Yihowaan teessoo dheeraa fi ol kaʼaa taʼe irra taaʼee nan arge;+ fiixeen uffata isaatiis mana qulqullummaa guutee ture.

  • Hisqiʼel 1:26, 27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Wanta diriiraa mataa isaaniitii olitti argamu sana gubbaa wanti akka dhagaa safiroos*+ taʼe tokko jira ture; innis teessoo fakkaata ture.+ Teessoo ol gubbaa jiru sana irras bifti isaa nama kan fakkaatu tokko taaʼee ture.+ 27 Wanta mudhii isaa fakkaatuu fi sanaa olitti argamu irraa wanta akka sibiila calaqqisuu+ taʼee fi akka ibiddaa ifu tokko nan arge; mudhii isaatii gadittis wanta ibidda fakkaatu tokko nan arge.+ Ifni guddaan tokko isatti marsee jira ture;

  • Daaniʼel 7:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “Anis hamma teessoowwan kaaʼamanitti ilaaluu koo ittan fufe; Inni Bara Dheeraa Jiraate+ ni taaʼe.+ Uffanni isaa akkuma cabbii adii ture;+ rifeensi mataa isaas suufii adii fakkaata ture. Teessoon isaa labooba ibiddaa ture; geengoowwan teessoo isaas ibidda bobaʼaa jiru turan.+

  • Hojii Ergamootaa 7:55
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 55 Haa taʼu malee, Isxifaanos hafuura qulqulluudhaan guutamee gara samii yommuu ilaalu, ulfina Waaqayyoo fi Yesuus mirga Waaqayyoo dhaabbatee arge;+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi