-
2 Seenaa Baraa 18:18-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Achiis Mikaayaan akkana jedhe: “Egaa, dubbii Yihowaa dhagaʼi: Ani, Yihowaan teessoo isaa irra taaʼee,+ guutummaan raayyaa samiis+ karaa mirga isaa fi karaa bitaa isaa dhaabbatanii nan arge.+ 19 Achiis Yihowaan, ‘Inni ol baʼee Raamot Giiliyaaditti akka duʼuuf, eenyutu Ahaab mootii Israaʼeliin gowwoomsa?’ jedhe. Inni tokko yommuu wanta tokko jedhu, inni kan biraan immoo wanta biraa jedha ture. 20 Achiis hafuurri*+ tokko gara fuulduraatti siqee Yihowaa dura dhaabbatee, ‘Ani isa nan gowwoomsa’ jedhe. Yihowaanis, ‘Akkamitti isa gowwoomsita?’ jedhee isa gaafate. 21 Innis deebisee, ‘Ani baʼee afaan raajota isaa hundumaa keessatti hafuura dogoggorsu nan taʼa’ jedhe. Kanaafuu inni, ‘Ati isa ni gowwoomsita; milkaaʼinas ni argatta. Gad baʼiitii akkuma jette godhi’ isaan jedhe. 22 Yihowaan afaan raajota kee kana keessa hafuura dogoggorsiisu kaaʼeera;+ garuu Yihowaan si irratti badiisa fiduuf murteesseera.”
-
-
Daaniʼel 7:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “Anis hamma teessoowwan kaaʼamanitti ilaaluu koo ittan fufe; Inni Bara Dheeraa Jiraate+ ni taaʼe.+ Uffanni isaa akkuma cabbii adii ture;+ rifeensi mataa isaas suufii adii fakkaata ture. Teessoon isaa labooba ibiddaa ture; geengoowwan teessoo isaas ibidda bobaʼaa jiru turan.+ 10 Ibiddi lolaʼus isa duraa baʼee ni yaaʼa ture.+ Kumni kumaatamni isa tajaajilaa turan; kumni kudhan siʼa kuma kudhanis isa dura ni dhaabbatu turan.+ Dhaddachi+ ni jalqabe; kitaabonnis ni banaman.
-