-
Daaniʼel 2:48Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
48 Sana booda Daaniʼeliif ulfina guddaa kenne; kennaa gaggaarii hedduu isaaf ni kenne; guutummaa koonyaa Baabilon irratti bulchaa isa godhe;+ namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran hundumaa irrattis ajajaa hoggantootaa isa godhe.
-
-
Daaniʼel 5:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Ati garuu abjuuwwan hiikuu fi rakkoowwan wal xaxoo taʼan furuu* akka dandeessu dhagaʼeera.+ Egaa barreeffama kana dubbisuu fi hiika isaa natti himuu yoo dandeesse, uffanni bifa dhiilgee sitti uwwifama, amartiin mormaa warqii irraa tolfame morma keetti ni kaaʼama, mootummicha keessattis bulchaa sadaffaa ni taata.”+
-
-
Daaniʼel 5:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Sana booda Belshaazaar ajaja kenne; isaanis Daaniʼelitti uffata bifa dhiilgee uwwisan, morma isaatti amartii mormaa warqii irraa tolfame ni kaaʼan; mootummicha keessatti bulchaa sadaffaa akka taʼes ni labsan.+
-