-
Daaniʼel 2:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Abjuu koo fi hiika isaa yoo natti himtan garuu, kennaa fi badhaasa, akkasumas ulfina guddaa isiniif nan kenna.+ Kanaafuu, abjuu koo fi hiika isaa natti himaa.”
-
-
Daaniʼel 5:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Ati garuu abjuuwwan hiikuu fi rakkoowwan wal xaxoo taʼan furuu* akka dandeessu dhagaʼeera.+ Egaa barreeffama kana dubbisuu fi hiika isaa natti himuu yoo dandeesse, uffanni bifa dhiilgee sitti uwwifama, amartiin mormaa warqii irraa tolfame morma keetti ni kaaʼama, mootummicha keessattis bulchaa sadaffaa ni taata.”+
-
-
Daaniʼel 5:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Sana booda Belshaazaar ajaja kenne; isaanis Daaniʼelitti uffata bifa dhiilgee uwwisan, morma isaatti amartii mormaa warqii irraa tolfame ni kaaʼan; mootummicha keessatti bulchaa sadaffaa akka taʼes ni labsan.+
-