LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 2:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Yihowaan ni hiyyoomsa, ni sooromsas;+

      Inni ni salphisa, olis ni qaba.+

       8 Inni isa rakkataa awwaara irraa ni kaasa;

      Isa hiyyeessas tuullaa daaraa* irraa ol ni kaasa,+

      Bulchitootaa wajjin akka taaʼan godha,

      Barcuma ulfinaa isaaniif ni kenna.

      Utubaawwan lafaa kan Yihowaa ti,+

      Innis lafa oomisha kennitu isaan irra kaaʼe.

  • Faarfannaa 75:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Waaqayyo Abbaa Murtii ti.+

      Inni nama tokko gad ni buusa, isa kan biraa immoo ol ni kaasa.+

  • Ermiyaas 27:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 ‘Humna koo isa guddaa fi irree koo isa diriirfameen lafa, ilmaan namootaa fi bineensota lafa irra jiran kan uume ana dha; isas naman barbaadeef* kenneera.+

  • Daaniʼel 4:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kana eegdotatu labse,+ murtii* isaas qulqullootatu beeksise; kunis Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa akka taʼee+ fi isas nama barbaade kamiif iyyuu akka kennu, akkasumas nama namoota hundumaatii gad taʼe isa irratti akka muudu namoonni lubbuudhaan jiran hundi akka beekaniifi.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi