LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 8:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 akkuma harʼa taʼe kana, inni kakuu abbootii keetiif gale raawwachuuf+ badhaadhina akka qabaattuuf humna kan sii kennu Waaqa kee Yihowaa taʼuu isaa yaadadhu.+

  • Keessa Deebii 28:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yihowaan waqtii isaatti biyya keetiif bokkaa kennuu fi wanta gootu hundumaa eebbisuuf, gootaraa isaa isa gaarii, jechuunis samii siif ni bana.+ Ati saboota hedduudhaaf ni liqeessita malee, hin liqeeffattu.+

  • 2 Seenaa Baraa 1:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Achiis Waaqayyo Solomooniin akkana jedhe: “Hawwiin garaa keetii kana waan taʼeef, akkasumas ati qabeenya, sooruma, ulfina yookiin duʼa* namoota si jibbanii yookiin umurii dheeraa* gaafachuu mannaa ogummaa fi beekumsa saba ani mootii irratti si godheef murtii dabarsuuf si barbaachisu waan gaafatteef,+ 12 ogummaanii fi beekumsi siif ni kennama; haa taʼu malee, ani qabeenya, soorumaa fi ulfina si dura mootiin kam iyyuu hin qabnee fi si boodas eenyu iyyuu hin arganne siifan kenna.”+

  • Iyyoob 42:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Akka kanaan Yihowaan jireenya Iyyoob isa duraa caalaa jireenya isaa isa boodaa ni eebbise;+ Iyyoob hoolota 14,000, gaalota 6,000, horii cimdii 1,000 fi harroota dhaltuu 1,000 ni horate.+

  • Fakkeenya 10:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Eebbi Yihowaa sooressa nama godha,+

      Innis isaa wajjin rakkina* tokko illee hin dabalu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi