-
Keessa Deebii 8:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Ati garaa keetti, ‘Humni koo fi jabinni harka kootii badhaadhina kana naaf argamsiiseera’ jettee yoo yaadde,+ 18 akkuma harʼa taʼe kana, inni kakuu abbootii keetiif gale raawwachuuf+ badhaadhina akka qabaattuuf humna kan sii kennu Waaqa kee Yihowaa taʼuu isaa yaadadhu.+
19 “Ati garuu Waaqa kee Yihowaa yoo irraanfatte, waaqolii kan biroo duukaa yoo buute, yoo isaan tajaajiltee fi isaaniif yoo sagadde, dhugumaan akka balleeffamtan ani harʼa isin irratti ragaa nan baʼa.+
-