LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 4:25, 26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “Isin ijoollee fi ijoollee ijoollee qabaattanii, biyyattii keessas yeroo dheeraadhaaf jiraattanii, wanta badiisa isinitti fidu yoo raawwattan, fakkii bocame akkamii iyyuu yoo tolfattanii+ fi isa aarsuuf wanta Waaqa keessan Yihowaa duratti hamaa taʼe yoo raawwattan,+ 26 biyya dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceetan sana keessaa dhugumaan daftanii akka balleeffamtan ani harʼa samii fi lafa isin irratti ragoota godhee nan dhiheessa. Isin haxaaʼamtanii ni balleeffamtu malee, yeroo dheeraadhaaf ishii irra hin jiraattan.+

  • Keessa Deebii 30:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 “Haa taʼu malee, garaan kee karaa irraa yoo gore,+ atis dhagaʼuu diddee gowwoomfamuudhaan waaqolii kan birootiif yoo sagaddee fi yoo isaan tajaajilte,+ 18 ati dhugumaan akka baddu harʼa sittan hima.+ Biyya dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceetu sana keessatti bara dheeraa hin jiraattu.

  • Iyyaasuu 23:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Haa taʼu malee, isin guutummaatti duubatti deebitanii warra saboota sana irraa isin biratti hafan kanatti+ maxxantanii gaaʼelaan yoo walitti firoomtan,+ michoota isaanii yoo taatanii fi isaanis michoota keessan yoo taʼan, 13 kana booda Waaqni keessan Yihowaan saboota kana isin duraa akka hin ariine beekkadhaa.+ Hamma isin biyya gaarii Waaqni keessan Yihowaan isiniif kenne kana irraa balleeffamtanitti isaan kiyyoo fi hudhaa isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee,+ ija keessanitti immoo qoree ni taʼu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi