LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 32:12-14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yihowaa qofatu isa* geggeesse;+

      Waaqni ormaa tokko illee isaa wajjin hin turre.+

      13 Inni iddoowwan ol kaʼoo lafaa akka qabatu ni godhe;+

      Kanaan kan kaʼes, oomisha maasichaa ni nyaate.+

      Inni kattaa keessaa damma,

      Qarsaa cimaa keessaas zayitii isa ni soore;

      14 Dhadhaa loonii fi aannan bushaayee,

      Hoolota hunda caalaa filatamoo taʼanii* wajjin,

      Korbeeyyii hoolaa Baashaanii fi korbeeyyii reʼee,

      Qamadii hunda caalaa baʼeessa taʼee* wajjin isa ni soore;+

      Atis daadhii wayinii dhiiga* firii wayinii irraa argamu ni dhugde.

  • Nahimiyaa 9:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Isaan magaalota dallaa dhagaa qabanii+ fi lafa gabbataa+ ni qabatan; manneen wantoota gaggaarii akaakuu adda addaatiin guutaman, boollawwan bishaanii qotaman, maasiiwwan wayinii, mukeetii ejersaa,+ akkasumas mukeetii firii godhatan baayʼinaan ni dhaalan. Kanaafuu, isaan nyaatanii quufanii ni gabbatan; gaarummaa kee isa guddaattis baayʼee gammadan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi