-
2 Mootota 16:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Peeqaan ilmi Remaaliyaa mootii taʼee waggaa 17ffaa isaatti, Akaaz+ ilmi Yootaam mootii Yihudaa mootii ni taʼe. 2 Akaaz yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+ 3 Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deeme;+ gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilma isaa illee ibiddaan ni gube.*+
-