LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 32:26, 27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Silaa ani, “Isaan nan bittinneessa;

      Yaadannoon isaaniis namoota gidduudhaa akka badu nan godha” nan jedhan ture.

      27 Taʼus wanta diinni koo jedhu waanan sodaadheef+ akkana hin jenne;

      Sababiin isaas, diinonni wanta kana karaa sirrii hin taaneen hubachuu dandaʼu.+

      Isaan, “Humni keenya injifannoo argateera;+

      Wanta kana hundumaa kan godhe Yihowaa miti” jechuu dandaʼu.

  • Faarfannaa 79:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Yaa Waaqa fayyinaa keenya,+

      Maqaa kee isa ulfina qabeessa taʼeef jedhiitii nu gargaari;

      Maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi, cubbuu keenyas nuuf dhiisi.*+

      10 Saboonni, “Waaqni isaanii eessa jira?”+ maaliif jedhu?

      Dhiiga tajaajiltoota keetii isa dhangalaʼeef haaloon akka baʼame,+

      Ijuma keenya duratti saboota gidduutti haa beekamu.

  • Miikiyaas 7:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Diinni koos ni argiti,

      Ishii, “Waaqni kee Yihowaan eessa jira?”+

      Naan jette qaaniin ni haguuga.

      Ijji koo ishii ni ilaala.

      Amma ishiin akkuma dhoqqee daandii irra jiruutti ni dhidhiitamti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi