LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 7:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Kanaʼaanonnii fi jiraattonni biyyattii hundi kana yommuu dhagaʼan nutti marsanii maqaa keenya lafa irraa haxaaʼanii ni balleessu; ati hoo maqaa kee isa guddaa eeguuf maal goota ree?”+

  • 1 Saamuʼel 12:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Yihowaan maqaa isaa isa guddaadhaaf+ jecha saba isaa hin dhiisu;+ sababiin isaas, Yihowaan saba isaa isin godhachuu barbaadeera.+

  • 2 Seenaa Baraa 14:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yeroo kanatti Aasaan akkana jedhee gara Waaqa isaa Yihowaatti iyye:+ “Yaa Yihowaa, warri ati gargaartu hedduu yoo taʼan yookiin humna kan hin qabne yoo taʼan siif jijjiirama hin qabu.+ Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nuti sitti waan amanamneef,*+ maqaa keetiinis namoota hedduu kana waraanuuf waan baaneef+ ati nu gargaari. Yaa Yihowaa, ati Waaqa keenya. Namni duʼu si hin moʼin.”+

  • Faarfannaa 115:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 115 Jaalala kee isa amanamaa fi amanamummaa keetiin kan kaʼe,+

      Yaa Yihowaa, nuuf utuu hin taʼin, eeyyee, nuuf utuu hin taʼin,*

      Maqaa keetiif ulfinni haa taʼu.+

       2 Saboonni, “Waaqni isaanii eessa jira?”

      Maaliif haa jedhan?+

  • Isaayyaas 48:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Haa taʼu malee, ani maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nan ittisa;+

      Ulfina kootiif jedhee of nan toʼadha,

      Si hin balleessus.+

  • Ermiyaas 14:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Balleessaan keenya kan nu irratti ragaa baʼu taʼus,

      Yaa Yihowaa, maqaa keetiif jedhiitii tarkaanfii fudhadhu.+

      Yeroo baayʼee amanamoo utuu hin taʼin hafneerra,+

      Cubbuu kan hojjenne si irratti dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi