-
Nahimiyaa 9:30, 31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Atis waggoota hedduudhaaf obsa isaanitti argisiiste;+ karaa raajota kees hafuura keetiin yeroo baayʼee isaan ni akeekkachiiste; isaan garuu dhaggeeffachuu ni didan. Dhuma irrattis ati harka saboota biyyoota sanaatti dabarsitee isaan kennite.+ 31 Ati Waaqa gara laafessaa* fi araara qabeessa+ waan taateef, gara laafina kee isa guddaa irraa kan kaʼe haxooftee isaan hin balleessine+ yookiin isaan hin dhiisne.
-