14 Guyyaan Yihowaa inni guddaan dhihaateera!+
Inni dhihoo dha, saffisa guddaadhaan dhihaachaa jira!+
Sagaleen guyyaa Yihowaa sodaachisaa dha.+
Yeroo sanatti loltuun ni iyya.+
15 Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa,+
Guyyaa dhiphinaa fi guyyaa yaaddoo,+
Guyyaa obomboleettii fi guyyaa badiisaa,
Guyyaa dukkanaa fi guyyaa dimimmisaa,+
Guyyaa duumessaa fi guyyaa dukkana cimaa ti.+