-
Ermiyaas 48:29, 30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 “Nuti waaʼee koora Moʼaab dhageenyeerra, inni baayʼee of bokoksa,
Waaʼee of guguddisuu isaa, waaʼee koora isaa, waaʼee of bokoksuu isaa fi garaan isaa of tuultuu taʼuu isaa dhageenyeerra.”+
30 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani aarii isaa isa guddaa nan beeka,
Taʼus dubbiin isaa inni gatii hin qabne ni bada.
Isaan homaa gochuu hin dandaʼan.
-
-
Hisqiʼel 25:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Moʼaabii+ fi Seʼiir,+ “Kunoo, manni Yihudaa akkuma saboota kan biroo hundumaa ti” waan jedhaniif, 9 magaalota isaa warra hundumaa caalaa gaggaarii taʼan, jechuunis Beet Yeshiimoot, Baʼaal Meʼoonii fi Qiriyaataayim+ dabalatee magaalonni daangaa Moʼaab irratti argaman akka haleelaman nan godha.
-