7 Kunoo, Yihowaan
Bishaanota Lagichaa warra jajjaboo fi babalʼoo taʼan,
Mootii Asoorii+ fi ulfina isaa hundumaa isaanitti ni fida.
Inni yaaʼaawwan bishaanii isaa hundumaa guutee
Qarqara isaa hundumaa irra ni dhangalaʼa;
8 Yihudaas ni liqimsa.
Inni lolaʼee keessa ni darba, hamma mormaattis ni gaʼa;+
Yaa Amaanuʼel,+
Qoochoowwan isaa warri diriirfamanis guutummaa lafa keetii ni uwwisu!”