9 Yaa intala Xiyoon, baayʼee gammadi.
Yaa intala Yerusaalem, injifannoodhaan iyyi.
Kunoo, mootiin kee gara kee ni dhufa.+
Inni qajeelaa dha, fayyina ni argamsiisa,
Kan gad of qabu dhas;+ harree irra taaʼee,
Ilmoo harree, eeyyee, ilmoo harree irra taaʼee ni dhufa.+
10 Ani Efreem irraa gaarii fardaa waraanaa,
Yerusaalem irraas farda nan fuudha.
Iddaan waraanaa ni fudhatama.
Inni sabootaaf nagaa ni labsa;+
Bulchiinsi isaa galaanaa hamma galaanaatti,
Lagicha irraas hamma andaara lafaatti ni taʼa.+