-
Isaayyaas 10:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Kanaafuu, Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Sabni koo warri Xiyoon keessa jiraattan, Asoorota warra akkuma Gibxiin gootetti+ uleedhaan isin reebaa fi harcummee isaanii isin irratti kaasaa turan+ hin sodaatinaa. 25 Sababiin isaas, yeroo xinnoo booda balaaleffannaan sun ni xumurama; dheekkamsi koos badiisa isaanitti fiduuf isaanitti ni garagala.+
-