LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 2:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Guyyoota dhumaatti,

      Gaarri mana Yihowaa

      Fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata,+

      Tabbawwanii olittis ol ni kaafama,

      Saboonni hundis gara isaatti ni yaaʼu.+

  • Isaayyaas 11:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti+ miidhaa

      Yookiin badiisa akkamii iyyuu hin geessisan,+

      Sababiin isaas, akkuma bishaan galaana uwwisu,

      Laftis dhugumaan beekumsa Yihowaatiin ni guutamti.+

  • Isaayyaas 66:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Akkuma namoonni Israaʼel kennaawwan isaanii miʼa qulqulluutti qabatanii gara mana Yihowaatti fidanitti, isaanis saboota hundumaa keessaa obboloota keessan hundumaa fardeen irra, gaariiwwan fardaa irra, gaariiwwan uwwifaman keessa, gaangolii irra, akkasumas gaalota saffisa qaban irra kaaʼanii, Yihowaadhaaf kennaa godhanii gara gaara koo isa qulqulluutti, gara Yerusaalemitti ni fidu”+ jedha Yihowaan.

  • Ermiyaas 31:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Yommuun boojiʼamtoota isaanii deebisee walitti qabutti, isaan biyya Yihudaa fi magaalota ishii keessatti ammas irra deebiʼanii, ‘Yaa iddoo jireenyaa qajeelaa nana,+ yaa gaara qulqulluu nana,+ Yihowaan si haa eebbisu’ jedhu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi