-
Keessa Deebii 13:6-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Obboleessi kee inni haadha tee irraa dhalate yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin haati manaa tee ishiin jallatamtuun yookiin michuun kee inni sitti dhihaatu,* ‘Dhaqnee waaqolii kan biroo haa tajaajillu’ jedhee dhoksaatti si sossobuuf yoo yaale,+ waaqoliin kun immoo atis taate abbootiin kee kan hin beekne yoo taʼan, 7 akkasumas waaqolii saboota naannoo keessanii warra isinitti dhihoos taʼe isin irraa fagoo jiranii, fiixee biyyattii isa tokkoo hamma fiixee biyyattii isa kaanitti argamanii yoo taʼan, 8 tole isaaf hin jedhin yookiin isa hin dhagaʼin;+ isaaf hin gaddin yookiin garaa isaaf hin laafin yookiin eegumsa isaaf hin godhin; 9 kanaa mannaa, mamii tokko malee isa ajjeesi.+ Isa ajjeesuuf jalqaba harki kee isa irratti haa kaʼu; sana booda immoo harki namoota hundumaa isa irratti haa kaʼu.+
-
-
Keessa Deebii 18:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “‘Raajiin kam iyyuu of tuulummaadhaan kakaʼee wanta ani akka dubbatu isa hin ajajne yoo dubbate yookiin maqaa waaqolii kan birootiin yoo dubbate, raajiin sun haa ajjeefamu.+
-