LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 9:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Achiis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa koo, dogoggorri keenya mataa keenya irratti waan baayʼatee fi yakki keenya hamma samiitti waan tuulameef, yaa Waaqa koo, ani fuula koo gara keetti ol kaasuuf nan qaanaʼe, nan saalfadhes.+ 7 Bara abbootii keenyaatii jalqabee hamma harʼaatti yakki keenya guddaa dha;+ dogoggora keenyaan kan kaʼes, akkuma harʼa arginu kanatti nuti, mootonni keenyaa fi luboonni keenya harka mootota biyyoota kanaatti, goraadeetti,+ boojuutti,+ saamichattii+ fi salphinatti dabarfamnee kennamneerra.+

  • Isaayyaas 1:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Dhiqadhaa, of qulqulleessaa;+

      Gochawwan hamminaa keessan na duraa balleessaa;

      Wanta hamaa raawwachuu keessan dhiisaa.+

  • Isaayyaas 55:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Namni hamaan daandii isaa,

      Namni jalʼaanis yaada isaa haa dhiisu;+

      Dhiifamni isaa guddaa waan taʼeef,*+

      Gara Yihowaa isa gara laafina itti argisiisutti, gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu.+

  • Hoseʼaa 14:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 “Yaa Israaʼel, gara Waaqa kee Yihowaatti deebiʼi,+

      Ati balleessaa keetiin kan kaʼe gufatteetta.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi