-
2 Seenaa Baraa 36:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.
-
-
Ermiyaas 11:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Guyyaan biyya Gibxii keessaa isaan baase irraa jalqabee hamma harʼaatti irra deddeebiʼee,* “Sagalee kootiif ajajamaa” jedhee abbootii keessan cimsee akeekkachiiseera.+ 8 Isaan garuu hin dhageenye yookiin gurra isaanii natti hin qabne; kanaa mannaa, tokkoon tokkoon isaanii didaa taʼuudhaan garaa isaanii isa hamaa duukaa buʼuu isaanii itti fufan.+ Kanaafuu, dubbii kakuu isan akka raawwatan isaan ajajee fi isaan raawwachuu didan kana hundumaa isaan irratti nan fide.’”
-