-
Luqaas 6:47-49Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Namni gara koo dhufuu fi dubbii koo dhagaʼee hojii irra oolchu hundi eenyuun akka fakkaatu isinitti nan hima:+ 48 Inni, nama gad fageessee qotuudhaan buʼuura isaa qarsaa irra kaaʼee mana ijaare fakkaata. Sana booda lolaan dhufee manicha rukute; taʼus manichi akka gaariitti waan ijaarameef isa sochoosuu hin dandeenye.+ 49 Karaa biraa immoo, namni dhagaʼee hojii irra hin oolchine+ kam iyyuu, nama buʼuura malee lafa irratti mana ijaare fakkaata. Lolaan sun manicha ni rukute, manichis yeruma sana jige; jigiinsi isaas akka malee hamaa ture.”
-