LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 53:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Hundi keenya akkuma hoolaa asii fi achi ni joorre,+

      Tokkoon tokkoon keenyas daandii mataa mataa keenyaa irra ni deemne,

      Yihowaanis balleessaan hunda keenyaa isa irra akka buʼu ni godhe.+

  • Hisqiʼel 34:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Hoolonni koo gaarota hundumaa irrattii fi tabba ol kaʼaa hundumaa irratti faffacaʼaniiru; hoolonni koo guutummaa lafaa irratti bittinnaaʼaniiru; nama isaan barbaadus taʼe isaan argachuuf carraaqqii godhu hin qaban.

  • Hojii Ergamootaa 13:45, 46
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 45 Yihudoonni yommuu namoota sana argan hinaaffaadhaan kakaʼanii wanta Phaawulos dubbatu mormanii isa arrabsuu jalqaban.+ 46 Achiis Phaawulosii fi Barnaabaas ija jabinaan akkana isaaniin jedhan: “Dubbiin Waaqayyoo jalqaba isinitti himamuun isaa barbaachisaa ture.+ Isin dubbicha fudhachuu diddanii jireenyi bara baraa akka isiniif hin malle ofuma keessanii waan murteessitaniif, kunoo nuti saboota kaaniif ni lallabna.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi