-
Luqaas 2:29-32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 “Yaa Gooftaa Ol Aanaa, akkuma dubbattetti amma garbichi kee nagaadhaan akka boqotu godhi;+ 30 sababiin isaas, ijji koo karaa ati fayyina ittiin argamsiistu+ argeera; 31 kunis isa ati namoota hundumaa duratti qopheessite dha;+ 32 inni ifa+ saboota irraa haguuggii fuudhuu+ fi saba kee Israaʼeliif ulfina taʼe dha.”
-
-
Hojii Ergamootaa 18:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Siilaasii+ fi Ximotewos+ yommuu Maqedooniyaadhaa gad buʼan, Phaawulos guutummaatti dubbicha lallabuudhaan qabame; Yesuus inni Kiristoos taʼuu isaa isaan amansiisuuf Yihudootaaf ragaa baʼa ture.+ 6 Yommuu isaan isa mormuu fi isa arrabsuu isaanii itti fufan garuu uffata isaa hurgufee,+ “Dhiigni keessan mataa keessan irra haa taʼu.+ Ani qulqulluu dha.+ Ammaa jalqabee gara saboota kaaniin dhaqa” isaaniin jedhe.+
-