-
Luqaas 11:29-32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Yommuu namoonni hedduun walitti qabaman akkana jedhee dubbachuu jalqabe: “Dhaloonni kun dhaloota hamaa dha; inni mallattoo kan barbaadu taʼus, mallattoo Yoonaas raajichaa malee mallattoo kan biraan isaaf hin kennamu.+ 30 Sababiin isaas, akkuma Yoonaas+ namoota Nanawweetiif mallattoo taʼe, Ilmi namaas dhaloota kanaaf mallattoo ni taʼa. 31 Mootuun kibbaa+ ogummaa Solomoon dhagaʼuuf andaara lafaatii kaatee waan dhufteef, yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaatee isaanitti murteessiti. Haa taʼu malee, kunoo, Solomoon irra kan caalu as jira.+ 32 Namoonni Nanawwee lallaba Yoonaas dhagaʼanii yaada waan geddarataniif,+ yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaʼanii itti murteessu. Haa taʼu malee, kunoo, Yoonaas irra kan caalu as jira.
-