-
Maatewos 12:38-42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Achiis barsiisonni seeraa fi Fariisonni tokko tokko deebisanii, “Yaa Barsiisaa, mallattoo akka nutti argisiistu barbaanna”+ isaan jedhan. 39 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Dhaloonni hamaanii fi ejjaa taʼe* yeroo hunda mallattoo barbaada; taʼus mallattoo Yoonaas raajichaa malee mallattoo kan biraan isaaf hin kennamu.+ 40 Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture,+ Ilmi namaas garaa lafaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ni tura.+ 41 Namoonni Nanawwee lallaba Yoonaas dhagaʼanii yaada waan geddarataniif,+ yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaʼanii itti murteessu. Haa taʼu malee, kunoo, Yoonaas irra kan caalu as jira.+ 42 Mootuun kibbaa ogummaa Solomoon dhagaʼuuf andaara lafaatii kaatee waan dhufteef,+ yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaatee itti murteessiti. Haa taʼu malee, kunoo, Solomoon irra kan caalu as jira.+
-