-
Maatewos 16:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Yesuus yeroo sanaa jalqabee, gara Yerusaalem dhaquu akka qabu, maanguddoonni, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa dhiphina guddaa akka isa irra geessisan, akka ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti duʼaa akka kaafamu+ barattoota isaatiif ibsuu jalqabe.
-
-
Maarqos 10:33, 34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 “Kunoo, gara Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi namaas dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraatti dabarfamee ni kennama. Isaan duʼa isatti murteessu, saboota kaanittis dabarsanii isa kennu. 34 Isatti qoosu, isatti tufu, isa garafu, akkasumas isa ajjeesu; guyyaa sadii booda garuu duʼaa ni kaʼa.”+
-