Isaayyaas 28:16 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 16 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani Xiyoon keessa dhagaa qorame+ tokko buʼuura godhee nan kaaʼa;Inni dhagaa golee gatii guddaa qabuu+ fi buʼuura+ amansiisaa taʼe dha. Namni isatti amanu kam iyyuu hin rifatu.+ Luqaas 20:17 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 17 Yesuus garuu gara isaanii ilaalaa akkana jedhe: “Maarree, ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe’+ jedhamee inni barreeffame maal jechuu dha? Hojii Ergamootaa 4:11 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 11 Inni, ‘dhagaa isa isin ijaartonni akka waan gatii hin qabneetti ilaaltanii fi dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe sana’ dha.+ Roomaa 9:33 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 33 kunis akkuma, “Kunoo, ani dhagaa gufachiisuu fi kattaa kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa;+ haa taʼu malee, namni isatti amanu hin qaanaʼu” jedhamee barreeffametti dha.+ Efesoon 2:20 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 20 buʼuura ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniittu;+ dhagaan golee inni buʼuura taʼe immoo Kiristoos Yesuusi dha.+ 1 Pheexiros 2:7 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 7 Kanaafuu, isin waan amantaniif, inni isiniif gatii guddaa qaba; warra hin amanneef garuu, “dhagaan ijaartonni tuffatan,+ dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe”;+
16 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani Xiyoon keessa dhagaa qorame+ tokko buʼuura godhee nan kaaʼa;Inni dhagaa golee gatii guddaa qabuu+ fi buʼuura+ amansiisaa taʼe dha. Namni isatti amanu kam iyyuu hin rifatu.+
17 Yesuus garuu gara isaanii ilaalaa akkana jedhe: “Maarree, ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe’+ jedhamee inni barreeffame maal jechuu dha?
11 Inni, ‘dhagaa isa isin ijaartonni akka waan gatii hin qabneetti ilaaltanii fi dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe sana’ dha.+
33 kunis akkuma, “Kunoo, ani dhagaa gufachiisuu fi kattaa kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa;+ haa taʼu malee, namni isatti amanu hin qaanaʼu” jedhamee barreeffametti dha.+
20 buʼuura ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniittu;+ dhagaan golee inni buʼuura taʼe immoo Kiristoos Yesuusi dha.+
7 Kanaafuu, isin waan amantaniif, inni isiniif gatii guddaa qaba; warra hin amanneef garuu, “dhagaan ijaartonni tuffatan,+ dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe”;+