-
Maarqos 12:13-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Sana booda wanta inni dubbatuun kiyyootti isa galchuuf, Fariisota tokko tokkoo fi hordoftoota Heroodisiin gara isaatti ergan.+ 14 Isaanis yommuu achi gaʼan akkana isaan jedhan: “Barsiisaa, ati nama dhugaa akka taatee fi fudhatama argachuuf jettee homaa akka hin goone beekna; sababiin isaas, ati bifa namaa ilaaltee hin murteessitu; kanaa mannaa, daandii Waaqayyoo dhugaadhaan barsiista. Qeesaariif gibira kaffaluun sirrii dha moo sirrii miti? 15 Kaffallu moo dhiisnu?” Inni garuu fakkeessaa akka jiran beekee, “Maaliif na qortu? Mee dinaaree* tokko fidaa natti argisiisaa” isaaniin jedhe. 16 Isaanis dinaaree tokko isatti fidan; innis, “Fakkiin kunii fi barreeffamni kun kan eenyuu ti?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Kan Qeesaar” isaan jedhan. 17 Achiis Yesuus, “Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif,+ wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa”+ isaaniin jedhe. Isaanis isa ajaaʼibsiifatan.
-
-
Luqaas 20:20-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Xiyyeeffannaadhaan isa hordofaa erga turanii booda, wanta inni dubbatuun kiyyootti isa galchuuf namoota qajeeloo fakkaatanii itti dhihaatan dhoksaadhaan itti bitanii isatti ergan;+ kanas kan godhan, mootummaa fi aangoo bulchaa biyyattiitti dabarsanii isa kennuuf ture. 21 Isaanis akkana jedhanii isa gaafatan: “Barsiisaa, ati wanta sirrii taʼe akka dubbattuu fi akka barsiistu, akka hin loogne, kanaa mannaa, daandii Waaqayyoo dhugaadhaan akka barsiistu beekna. 22 Qeesaariif gibira kaffaluun keenya sirrii dha moo sirrii miti?” 23 Inni garuu haxxummaa isaanii beekee, 24 “Mee dinaaree* tokko natti argisiisaa. Fakkiinii fi barreeffamni as irra jiru kan eenyuu ti?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhan. 25 Innis, “Egaa, wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif,+ wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa”+ isaaniin jedhe. 26 Isaan namoota duratti dubbii isaatiin kiyyoo keessa isa galchuu hin dandeenye; kanaa mannaa, deebii isaa dinqisiifatanii calluma jedhan.
-