LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 22:15-22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Sana booda Fariisonni deemanii, wanta inni dubbatuun kiyyootti isa galchuuf+ mariʼachuu jalqaban. 16 Kanaafuu, barattoota isaanii hordoftoota Heroodisii+ wajjin gara isaatti erganii akkana jedhan: “Barsiisaa, ati nama dhugaa akka taate, daandii Waaqayyoo dhugaadhaan akka barsiistuu fi fudhatama argachuuf jettee homaa akka hin goone beekna; sababiin isaas, ati bifa namaa ilaaltee hin murteessitu. 17 Kanaafuu, mee nutti himi, maal sitti fakkaata? Qeesaariif gibira kaffaluun sirrii dha moo sirrii miti?” 18 Yesuus garuu hammina isaanii beekee, “Fakkeessitoota nana, maaliif na qortu? 19 Mee saantima gibiraaf kaffalamu natti argisiisaa?” isaaniin jedhe. Isaanis dinaaree* tokko isatti fidan. 20 Achiis, “Fakkiin kunii fi barreeffamni kun kan eenyuu ti?” isaaniin jedhe. 21 Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhan. Innis, “Egaa, wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa”+ isaaniin jedhe. 22 Isaanis yommuu kana dhagaʼan dinqisiifatanii isa dhiisanii deeman.

  • Luqaas 20:20-26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Xiyyeeffannaadhaan isa hordofaa erga turanii booda, wanta inni dubbatuun kiyyootti isa galchuuf namoota qajeeloo fakkaatanii itti dhihaatan dhoksaadhaan itti bitanii isatti ergan;+ kanas kan godhan, mootummaa fi aangoo bulchaa biyyattiitti dabarsanii isa kennuuf ture. 21 Isaanis akkana jedhanii isa gaafatan: “Barsiisaa, ati wanta sirrii taʼe akka dubbattuu fi akka barsiistu, akka hin loogne, kanaa mannaa, daandii Waaqayyoo dhugaadhaan akka barsiistu beekna. 22 Qeesaariif gibira kaffaluun keenya sirrii dha moo sirrii miti?” 23 Inni garuu haxxummaa isaanii beekee, 24 “Mee dinaaree* tokko natti argisiisaa. Fakkiinii fi barreeffamni as irra jiru kan eenyuu ti?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhan. 25 Innis, “Egaa, wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif,+ wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa”+ isaaniin jedhe. 26 Isaan namoota duratti dubbii isaatiin kiyyoo keessa isa galchuu hin dandeenye; kanaa mannaa, deebii isaa dinqisiifatanii calluma jedhan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi