LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 38:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Ilma angafaa Yihudaa kan taʼe Eer garuu Yihowaa gaddisiisa ture; kanaafuu, Yihowaan isa ajjeese. 8 Kanaan kan kaʼes Yihudaan Onaaniin, “Haadha manaa obboleessa keetii wajjin saalqunnamtii raawwadhu; ishiis fuudhii wanta waarsaa irraa eegamu raawwadhuutii obboleessi kee sanyii akka qabaatu godhi” jedhe.+

  • Keessa Deebii 25:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 “Obboloonni lama waliin kan jiraatan yoo taʼee fi isaan keessaa inni tokko ilma utuu hin dhalchin yoo duʼe, haati manaa namicha duʼe sanaa nama maatii sana irraa ala taʼetti heerumuu hin qabdu. Waarsaan ishii gara ishii dhaqee ishii haa fuudhu; wanta waarsaa irraa eegamus haa raawwatu.+ 6 Maqaan namichaa Israaʼel keessaa akka hin badneef,+ ilmi angafaa ishiin deessu maqaa obboleessa isaa isa duʼeen waamama.+

  • Ruut 1:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Naaʼomiin garuu akkana jette: “Deebiʼaa, yaa ijoollee koo. Maaliif anaa wajjin deemtu? Ani amma iyyuu ilmaan abbootii manaa isiniif taʼan daʼuu nan dandaʼaa?+

  • Ruut 3:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Harʼa asuma buli, inni boru ganama yoo isin fure gaarii dha! Isin haa furu.+ Isin furuu hin barbaadu yoo taʼe garuu, Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani ofii kootii isin nan fura. Hanga bariʼutti asuma ciisi.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi