-
Maarqos 13:21-23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 “Yeroo sanatti, eenyu iyyuu, ‘Ilaa, Kiristoos as jira!’ yookiin ‘Achi jira!’ yoo isiniin jedhe hin amaninaa.+ 22 Sababiin isaas, Kiristoosonni sobaa fi raajonni sobaa kaʼanii+ yoo isaaniif dandaʼame warra filataman karaa irraa jalʼisuuf mallattoowwanii fi dinqiiwwan ni hojjetu. 23 Egaa isin of eeggadhaa.+ Ani waan hundumaa dursee isinitti himeera.
-