-
Maarqos 14:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Utuu nyaachaa jiranii, Yesuus maxinoo fuudhee eebbise; caccabsees isaaniif kennee, “Fudhadhaa, kun foon koo argisiisa”+ jedhe.
-
-
1 Qorontos 11:23-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Wantan Gooftaa irraa fudhadhe dabarsee isinitti kenneera; Gooftaa Yesuus galgala+ dabarfamee kennametti maxinoo fuudhee, 24 erga galateeffatee booda caccabsee, “Kun foon koo isa isiniif kennamu argisiisa.+ Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa”+ jedhe. 25 Xoofoo sanas fuudhee akkasuma godhe;+ irbaata erga nyaatanii booda, “Xoofoon kun kakuu haaraa+ dhiiga kootiin hundeeffamu argisiisa.+ Yommuu xoofoo kana dhugdan hundatti, kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa”+ jedhe. 26 Yommuu maxinoo kana nyaattanii fi xoofoo kana keessaa dhugdan hundatti, hanga inni dhufutti duʼa Gooftaa labsuu keessan itti fuftu.
-