-
Maarqos 14:29-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Pheexiros garuu, “Warri kaan hundi yoo gufatan illee, ani matumaa hin gufadhu”+ isaan jedhe. 30 Yeroo kanatti Yesuus, “Dhuguman siin jedha, harʼa, eeyyee, halkanuma kana kormaan indaaqqoo siʼa lama iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta”+ isaan jedhe. 31 Inni garuu ittuma fufee, “Sii wajjin duʼuun yoo ana irra jiraate illee, ani matumaa si hin ganu” jedhe. Warri kaan hundis akkanuma jechuu jalqaban.+
-